Democracy: Liberty, Security, & Prosperity

Roorroo Wayyaaneen Muslimootarraan godhaa jirtuuf Shoorri Qabsoo Saba Oromoo maal tahuu qaba?

Posted by Jawar on April 28, 2012

Barruu Hubannoof dhihaatte

Bara dabrerraa eegalee gocha gidiraa  mootummaan Mallasaa muslimootarratti raaw’achaa jirtu qubaqabdan. Waan  ummata muslimaa muufachiisaniifi mormiidhaafis kakaasu gochuu eega jalqabdees barri marmaare. Waldura-dhaabbonnoon haala kanaan uumamte tun dhawaataan hammaachaa dhufuudhaan sadarkaa lubbuu namaa galaafachuufi dhiiga obboleeyyan keenyaa qisaasurra geessee jirti. Dhihoo tana naannoo Oromiyaa, magaalaa Asaasaatti ilmaan Oromoo shan tu  wayyaaneedhaan ajjeefame . Haala haaraya maqaa amantiitiin mootummaan Mallasaa dhandhaarte kana jaarmayoonni qabsoo  Oromoo geggeessaniifi  sabboontonni  keenya  dammaqiinsaan   hordofanii tarkaanfilee dubbii tanarra aanuuf nama gargaaran  fudhachuudha qaban.  Sababni isaatiis;

1)      Qaamni hawaasaa tarkaanfiin mootummaadhaa tun irratti aggaammatte  wayyabni yookin   irra jireessi  Oromoo waan ta’eef,

2)      Humni namaa waldura dhaabbannoo tana keessatti hirmaachuudhaan miidhamaa jiruufi miidhamuuf taa’us  Oromoo  ta’uusaatin

3)      Falmiin tun guutuu guututti biyya Oromoo keessatti  taasifamaa kan jirtu waan ta’eef

4)      Akka armaan gaditti laaluuf teenyu sababni tarsiimoo ( strategic objective) mootummaan dubbii tana amma tuttuquuf qabsoo Oromootin miidhuuf  waan  ta’eef

Mirga ummannii keenya amantii fedhetti amanuuf qabu kabachiisuuf, ummata keenya jeequmsaa hamaarraa baraaruuf, nagaya biyya teenyaa eegsisuuf, karoora qabsoo teenya sakaaluuf godhamtu tanarra aanuuf tokkummdhaan sirna wayyaanee dura dhaabbachuu barbaachisa.

Dura, mootummaan Wayyaanee maalif ummata muslimaarratti duula kana akka jalqabde  haa xiinxall.  Mallasaan madaafi godaannisa sirni nafxanyaa muslimoota mudachiise  haanxii kaayuu wanni fedhuuf bu’aalee siyaasaa gurguddoo lama irraa buufachuu kajeela.  Kan ifaa gala jirturraa  haa kaanu.

  1. Shoorarkaa doolara siyasaatitti sharafachuu:

Akkuma namuu beeku  dubbiin  ‘shoorarkaa’  yeroo ammaa addunyaarratti gatii guddaa baasti.  Kanaafu Mallasaan ummata islaamaa tuttuqee gaafa isaan dallananii saroota isaa ofirraa faccisutti ka’an, shoorarkeessitootaniin falma jira jechuudhaan:

  1. Deeggarsa addunyaarraa argataa ture daran jabeeffachuuf
  2. Qabsaa’ota sirna ukkaamsaa isaa diiguuf morman maqaa balleessuudhaan, haqa isaanii afaanfajjeessee, aangorra turuudhaaf
  3. Yeroo ammaa kana  sabaa-sablammiileen biyyatti hedduun waan itti fincilaa jiraniif, siyaasaan biyyatti sabummaarraa gara amantii deebitee deeggarsa bicuu ( narrow social base) sirni kun qabu  bal’isuuf .

Keessattuu ammoo qabeenyi guddaan inni saamaa jiru kan Oromiyaa , ummanni wayyabni inni ukkaamsee irra taa’u ummata Oromoo, humni siyaasaa guddaan aangoo isaatiif sodaachisu sabboonummaa Oromoo waan ta’eef; ummata muslima  biyyattii sunii keessaa wayyabni Oromoo waan ta’eef, ummata keenya kan muslimaa amantii isaa tuttuquudhaan dallansiisee akka fincilu godhee  qabsoo teenya;

  1. Shoorarkaatti hidhuudhaan  deeggarsa aadunyaa dhabsiisee saamichaafi roorro ummata keenyarraan gahaa jiru addunyaan akka hin agarree haguuguu fedha
  2. Ummanni keenya falmii amantitti seenee kanaan akka wal sodaatuufi adda faca’u gochuudhaan humna Oromoo laafisuu barbaada.

B. Jaarmayoota amantii dhuunfachuuf

Wayyaaneen erga aangoo dhuunfattee jalqabee tarsiimoo biyya ittiin oggalchiifachuuf lafa kaayatte keessaa, kan duraa jaarmayoota hawaasaatifi kan amantillee garagaraa dhuunfachuufi  of cinaatti hiriirfachuudha. Karooruma kana fiixaan baafachuuf  akkuma aangoo biyyatti dhuunfatteen hogganaa bataskaana Ortodoksii humnaan taaytaarraa  ariitee nama wayyaanee  deeggaruun bakka buusuun ni yaadatama. Tarsiimoon sun mormii silaa gamasiin isitti dhufuuf maltu laamsheessuurra dabree bataskaanumtinuu damee paartii biyyattii bulchituu uu ta’ee akka tajaajilu  gochuu dandeessee jirti.

Bifuma kanaan  Majliisa Ol.aanaa Dhimma Islaama Tophiyaa (Ethiopian Islamic Affairs Supreme Council) dhuunfachuuf tattafataa turte. Tattaanffiin tun durumaanuu diddaa cimtuu  mudachuun ni yaadatama. Haa ta’ummoo, tooftaa adda addaatiin imaamotaafi hayyoota  walaba  dhiibdee moggatti baasuudhaan “Majliisa”  dhuunfachuu dandeessee jirti.  Jarri wayyaaneen muuddee majlisarra keesse kunis akkuma dabballoota paartilee maxxanneetitti olola sirna kanaa geggeessa turuun ni yaadatama. Ololli jarri kun deemsisaa ture qabsoofi sabboonummaa Oromoo xiqqeessuufi xureessuurratti kan fuulleffate ture.

Namoonni jaarmaya Majlisaa kana geggeessan meeshaa sirna cunqursaa ta’uudhaan ummata waan dallansiiseef  dargaggoonni garii filannoodhaan aangoorraa fonqolchuudhaaf tattaaffii ni eegalan. Filannoon yoo godhamte akka moo’amatuuf deeman beekuudhaan  filannon akka hin godhamne hambisan. Kanaafu bara 2001 irraa kaasee hanga har’aatti filannoon tokkolleen hin geggeeffmane; sirni abbaa irreetis jaarmaya kana dhuunfachuudhaan  ittiin fayyadamuu isaa itti fufe.

Maallaqni gargaarsaa hojii misoomaatiifi  barnootaatif  biyya alaatirraa argamu karaa jaarmaya kanaatin waan dhufuuf; maallaqa kanarraa harki guddaan hojiilee siyaasaa paartiitiif akka oolu taasifamaa ture. Fakkeenyaaf yeroo filannoo sheektonni sirna sanif nama akka kakaasaniif maallaqni akka kafalamuuf,  sheekoota nuun morman jedhanii ammanan  maallaqaan sossobuufi haallan kana fakkaataniif ittiin fayyadamaati turte. Maallaqa hiyyeessaan gargaaruuf ergamu kana hojii siyaasaa ummataan cunqursaniif oolchuun dargaggootaafi aalimoota baay’ee  aarsee akka dallansiise ni beekama.

Kanarraa ka’uun hoggantoonni Majliisaa dhiibbaa ummataatiin aangoorraa akka bu’an gochuuf  duulli ni eegalame. Duula kana fashalsuudhaaf namoota ijoo jedhee yaade; gaazexeessitoota, barattootaafi imaamota hidhaanhidhuu jalqabde.  Haa ta’uu garuu sochiin babal’atee dubbiin qalbii ummataa seenuu isii arginaan tooftaa ilaalacha amantii haaraya (“re-indoctrination”) qalbii ummataa doomsuuf karoora baafattee hojjechuu jalqabde.

Karoora kana akka galmaan isaa gahuuf  jaarmaya amantiifi siyaasaa walitti makee  sochoosuun beekamu  biyya Lebanonirraa fide. ( Sababni garee Habashi jedhan kana itti filatan keessaa,  tokko,  baroota afurtamootaatirraa eegalee  bu’ureessa garee kanaatifi aalimoota Oromoo jidduu rakkoon jiraachuu qajeellotti beekan. Kana malees bara sun keessa namni Sheek Abdullaahi Al Hararii jedhaniin sun mootummaa Haylasilassee waliin tahee jara keenyarratti duulaa turuun isaa beekamaadha. Sanii asis aalimoota Oromootiifi isa jiddu walmormiin guddaan turuu isaatiin, falmiin tuni biyya teenya seentee muslimoota biyya teenyaa  wal/afaan garagalchitee  gargar diigdee jeeqama waarsuun yaada tarsiimoo mootummaa keessaa isa tokko ta’uu hubadhaa!)

Akkuma biyya seenaniin jarri Habeshi   maallaqaafi humna mootummaatiin deegaramani konfaransii qopheessuu eegalan. Konfaransoonni kun diddaan ummataa itti hammaannan mooraalee waraanaa Bilaatteefi Sanqalletti geggeessutti seenan. Sheekkota maallaqaan sossobanii hirmaachisuu dadhabnaan humnaan dirqisiisutti seenan. Tarkaanfiin tuni garuu daranu mormii itti kakaase. Tooftaan akkanaa tuni qabsaa’ota Oromootiif haarayaa miti. Baroota 1990moota keessa ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaayaman  mooraalee waraana Huurso, dhidheessaafi kan birootitti naqee ‘dhiphummaa’ keessaa dhiquudhaaf ’tahaddiso’ kennaa turuun yaadannoo yeroo fagootii miti.

Walumaagalatti Wayyaaneen akkuma sabaafi sablammota biyyattu ukkaamsuuf dhaabilee siyaasaa bixxilte, aamntiilee biyyaatifis majliisa masakamtuu tiksitee tursiisuu barbaaddi. Kana keessatti Habeshiin PDOta, yaannii isiin deemtuu ’abiyootaawii dimokraasii’ ta’uu isii hubachuu feesisa. Mormiin ummanni Islaamaa godhaa jiru walabummaa jaarmayoota amantii isaanii deebifatanii goonfachuufi bilisummaa waan barbaadanitti amanuuf godhan waan sochii dimokraatawaa tarsiimoo nagayaatiin geggeeffamaa jiru. Kana ammoo sirna abbaa-irree ukkaamsaa isaanii sun umatarratti gadi diriirsitee turuu barbaadu yoo ta’e malee jaarmaynifi namni bilisummaa ummataatti amanu wanni irraa sodaatu hin jiru. Qabsoon ummataatis duubatti hindeebitu.

Qabsoon mirga amantiitif godhamtuufi  Tan mirga sabaatif godhamtu tumsa waliiti

Qabsoon walabummaa amantiitifi walqixummaa amntiilee argamsiisuuf godhamu falmaa abbaa biyyummaatif,  mirgaafi dantaa  sabaatif godhamuutu  jidduu tumsa umamaatitu (natural alliance) jira. Sababni isaatis sochiileen lachuu sirna mootummaa cunqursaa buqqaasuufi ol’aantummaa garee tokko dhabamsiisuuf gaggeeffaman tahuu isaaniitiini.  Bara 1974 hiriirri guddichi siree mootichaa daddaaqsee warraaqsaaf ummata cunqurfamaa bal’aatiif karaa saaqe   sun  kan ummata Islaamaatiin  geggeeffamee turee  ta’uu yaadachuun, walitti hidhata jiru kana hubachuuf  nama gargaara. Haaluma kanaan seenuma teenyarraahuu akka barannutti qabsoo Oromootifi hawaasa amantiin isaa  jalaa cunqurfamte jidduu walgargaarsa jabaatu ture.

Fakkeenyaaf  darasootaafi aalimoonni Oromoo hacuccaa amantii dheessanii  baroota 1940mootaafi 50 moota keessa biyyoota Arabaatitti baqataniitu booddee qabsoo Oromoo ijaaruufi deeggaruu keessatti shoora guddaa taphate. Hariiroo diploomaasii, deegarsa maallaqaatifi tan hidhanno yeroo duraatif qabsoo Oromootif kan argamsiise jara kana. Sabboontonnifi aalimoonni akka Haaji Huseen Suraa, Sheek Bakrii Saaphalooti Shek Mohammed Rashaad  hoggansi isaan kennaa turan waan irraanfatamuu miti. Har’as duulli amantii Islaamatirratti godhan Arabatu dhufee  Toophiyaa weeraraaf osoo hin taane tarii Oromootu garasiin   galaa wayii argatee aangoo teenya nu saama  sodaa jedhurraa ta’uu hubatuun gaariidha.

Bifuma walfakkaatun hoggantoonni waldaa Makaanayasuusi hidhata  biyyota alaa waliin qabduun diplomaasii warra dhihaatif karaa nuuf saaquu; deeggarsa maallaqaatifi meshaalee gochuudhaan qabsoon tun  biyyatti akka lafa qabattu, alatti akka fira horattu dandeessisan.  Kunis hayyoota amantii kan akka Luba Guddinaa Tumsaa lubbuu isaaniitin aarsaa hanga kennuutti kan deemee ta’uu yaadadhaa. Baroota Oromoon Dargiidhaan  buqqa’ee Suudan, Somaliyaafi Jabuutiitti harca’e  sanis waldaan sun nama keenya murruqiirraa,  qabsoo tanas gaaga’amarraa oolchuu  dandayuu  warra gaafas baraaramee lubbuun as gahetu ragaa baha. Gumaachuma waldayni kun qabsoo Oromootiif godheef, kunnoo hanga hara’aatte diinonni qabsoo Oromoo ija hamtuudhaan laalan. Fakkeenyaaf  barruu tarsiimoo Mallasaan jaarmayaalee amantii xiinxaluun bara dabree baaserratti  waldaan kun maxxannee ABOti jedhameeti ramadame.

Qabsoon Oromootis gumacha gama amantiitiin argatte kana nyaattee  hin usne. Fakkeenyaaf;

  • Falmaa sabbontonni Oromoo sirna mootii fonqolchuudhaaf taasisantu amantiifi mootummaa addaan baasee  walqxummaan amantiidhaa argamsiise;
  •  haleellaa siyaasaa sabboonummaan Oromoo ( Oromo nationalism) ilaalcha siyaasaa amantiilee garii olkaasee kaawwan ukkaamsaa turan san bakka dhabsiise
  • Wareegama qabsaa’onni Oromoo bosona Oromiyaa keessatti baasantu sirna Darguu kan amantilee xiqqeessee xureessu san diige; aarsaa isaanitin sirni federaalizimii kan aangoos dhaban hordoftoonni amatilee garii kan dur sirna bulchiisaatirraa ugguramanii turan akka hirmaatan karaa saaqe.

Kanaafuu har’a gaafa Islaamni Oromoo  diinaan haleelamu kana jaarmayoonni  Oromootifi sabboontonni  Oromoo amantii kamiyyuu hordofan;

  • Roorroo ummata Islaamaatirra gahaa jiru obboleeyyan keenya Islaamaa  cinaa dhaabbachuun dirqama seenaati. Hoggaa  gamisni Oromoo amantii tokko hordofu miidhaamu warri kan biraa hordofu maaltu naan gaye jechuun, hoggaa lafti godina tokko saamamtu dhalataan godinaa kaanii maaltu na dhibe jechuurraa addaa miti. Oromoo hagoobara keenya, Oromiyaan ardaa waliin qabnu; ibiddi mana gooroo gamaatti qabate asiinis bahuun hin ooltu. Kanaafu ibidda kana walii tumsanii dhaamsuun ofiifis obboleeyyaniifis.
  • Hirmaannaan akkaasii miidhaa sirni kun amantii duchisiisee qabsoo Oromoo miidhuuf yaalaa jirus ofirraa qolachuuf

Xumurarratti roorroon amma wayyaaneen maqaa amantiitiin ummata oromoorratti raaw’achaa jirtu tuni gocha qabsoo Oromoo laamsheessuu biiflatte tahuu hubannee amantiidhaan  gargar baanee shira diinaatiif meeshaa tahuurraa of eeggachuudha qabna. Gidiraa tana fashalsiisuufis yoomuu caalaa tokkummaa teenya cimsannee diiddaa teenya addeela tokkorratti haa bobbaafannu.

Advertisements

8 Responses to “Roorroo Wayyaaneen Muslimootarraan godhaa jirtuuf Shoorri Qabsoo Saba Oromoo maal tahuu qaba?”

  1. Tuulaa said

    Galatomi obbo Jawaar.
    yaada bareedaadha. gama biroon garuu humna Habashootaa Qabsoo oromoo dadhabsiisuuf shira dalagamaa jiru dagachuun barbaachisaa miti. Innis: rakkoo sabumma biyya Itiohiyaa keessatti babala’atee Qabsoo hadhawaa ummatonni cunqurfamoon godhaa jiran ukkaamsuuf sababa amantiin gargar facaasuuf(dadhabsisuu) fiigichi gama habashootaan godhamaa jiru salphaa miti. dubbii amantii kanaa afarsuun Musiliimota waliin waan dhabbatan fakkaatanii uummanni musilimaa Oromoo Obbolaasaa Uummata amantii kanbiroo hordofaan waaliin akka nagaa hinqabannee gochuuf shiraa xaxamaa jiru ifatti mula’ataa dha.
    Oromoon akka Oromootti rakkoo amantiin walqooduu hin qabu. haata’u garuu hammeenya bulchitoonni habashaa(amantii Kiristanaarraa dhufan) dalaganirraa kan ka’e uummanni musilimaa Oromoo miidhama dachaa ta’e irra gaeera.
    waluumaa galatti Kiyyoo habashoonni qopheessaa jiran kana jalaa miliqnee Oromiyaa mirga amantii guutuu kabajju fi mirga dhala naaa kabajju ijaaruuf harka walqabannee haakaanu!!!

    Galatoomaa!

  2. Abbeeraa keeti said

    Obboo Jawaar yaadaa hedduu gaariidha osoo yeroon hindabarree oromoon tokkummaan kaanee tuttuqaa coraa keenna kan madaa bara dheeraa qabu kan nuyaadachisu kana dura dhaabbanne humna argisiisuun gaaffii seenaa fi sabummaati,wanni xiqqoo ati qajeelchuu qabdu Islaamni amanticha ummanni amantii kana hordofuu ammoo Musliimaa jedhama warra nubulchutu kaleef ardhas islaama nuun jedha.warri amantti kirstinnaa hordofu kirstaana jedhaman malee kiristtinnaa hinjedhaman.jabaadhuu’ nuuf guddadhu ijaa arabarraa sihaahambisu’ nagayatti.

  3. Hilluu Iluu said

    Obbo Jawar,
    Guddadhu waaq gayi, taa’ii (jiraadhuu) waa dhagahi jadhu manguddoon Oromoo yeroo ijjoollee aka kee kana eebisan. Anillee akkasuman siin jadha.
    Bara 1973 ti hiriira musliimoti Finfinnee godhan irratti dhaadannoo ture tokko na yaadachiifte. Akkas jedha afaan Amaaraa tiin:
    Kristaanu waganachin,
    Tasallafuu ke gonnachin,
    Texebiqoo mabtachin,
    Indinisera lagarachin.

    Miidhaan Muslimoota irra gahaa jiru miidha ilmaan Oromoo hundaati. Kanaaf, Oromoon hundi ummata keenya amantii Islaama hordofan waliin dhaabachuun dirqiidha. Hogganooti amantii Kristaana kanneen biyya keessaf ala jiran, utuu bulee hin oolin, bikka jiranitti walgahanii gochaa motummaa Ethiopiya balaaleffachuun Musliimota mirga isaaniif lolaa jiran wajjin dhaabachuu isaani ibsuu qabu jedheen amana.

    Hillu

  4. Haalollu said

    baay’eee gariidha Jawaar. Jabaadhu.

  5. […] (Dandeettii Ijoolleen Oromiyaa Waa Dubbisuuf Qabdu) | Ebla 28, 2012 […]

  6. Dear Brothers and Sisters,
    It is time the Oromos to come together more than any other time. The Abasinians tried and trying everything to rule Oromos; but nothing stop the realization of Independent and Free Oromia. Oromo democracy is the base for freedom of religion. The senario is to divert the question of political freedom into religious issue as usual. Whatever the Absynian try now Free Oromia will be realized soon.

  7. Suubba-sadeen said

    Jawaar barumsa gaarii kanaaf galata argadhuu.

    Lammiin Oromummaa ol-guddisee ilaalu kamiyyuu, miidhama Oromoota irra gahaa jiru taa’ee hin ilaalu: ni balaaleffata, tarkaanfii barbaachisu fudhatee Obboleessa/Obboleetti isaa rakkina irraa ni baraara.
    Nuti marti keenya dirqama keenya haala barbaachisu maraan bahuu qabna, dhiigni Obboleeyyan keenyaa dhangala’e hin hafu.

  8. Falmata said

    Qabsoo Oromootiif Amanta waan walti fiduu tokko ilee hin jiru, rakkon Oromoo rakko Amanta Miti Oromoo kaleessa enyuumaa isaati falmachuuf dararama ture haraa amoo Gaafii Amanta Musilima jala qabuun abdatii Ofuun yaakaa warii Ginbot 7 fi Habashoon rakko Amanta Afarsuun Oromumman dhifamee kara amanta Oromoo takaluuf yoo yaalan ilee Musilim Oromoo rakko Amanta utuu hin tanee rakkon isaa Siirna Garboonfta Habasha fonqolchuudha obbo Jawwar Oromoo dogogorsuu hin yaaliin? Addara Kee

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

 
%d bloggers like this: