Democracy: Liberty, Security, & Prosperity

Archive for April, 2012

RAAW’II IFA BAATE

Posted by Jawar on April 30, 2012

Dr. Abdulsamad Mohammed Yusuf*

Waan beeynurra waan hinbeeyneetu irra baay’e. Ijji waa gartu, gurri waa dhagayu, funyaan waa fuunfatu, arrabni waa dhandhamuufi gogaan tuqaata dhagayu hundi kutaalee suufmaya addayyaati (special senses jechuu kiyya). Isaan Shananuu waanuma basaqeeysatti itti dhufe simitaniiti hubannoodhaaf gara surriitti dabarsan. Odeeyfannoon bifa kanaan simatamutu tuni, dura, hubatamteeti yaadatamuuf akka maltutti kutaa surrii dandeeytii waa yaadachuu qabdu tan afaan Ingiliiziitti “memory center” jedhaniin keessa qubatti. Namni kun abalu, sagaleen tuni ta abaluuti ykn tan waan kanaati, mi’aan tuni ta dammaati, waan akkanaatu na tuqate jennee adda baafachuu dandayuun mooyxannoo kanaan dura argannee gola yadannoo keessatti ol kaayyannerraa madda.

Barnoonni karaalee lamaan argama jedhan: tokko suduuddeedha; kaan immoo, faal suduuddeedha. Suduuddeen coraalee suufmayaatiin fudhatanii bifa hubannootiin qomatti galfachuudha. Faalsuduuddeen ammoo, mooyxannoo nama ykn murna biraa dhugoomfatanii fudhachuudhaan qomatti galfachuudha. Hubannoof akka malutti fakkeenya tokko dhiheessuun fedha. Ani biqiltuu hargeeysa jedhaniin dhandhamee hinbeeku. Warri dhandhamee arge ammoo, “Hargeeysi ni hadhaawa” jedhan. Warri hargeeysa dhandhame marti moyxannoo akka waliiti qaban. Aniis moyxannoo isaanii dhuguumfadheetin ittiin amana. Beekkoomsi kiyya kuni beekkoomsa faalsuduuddeedhaan argame malee kan suduudumaan hargeeysa dhandhamuudhaan heleme miti.

Addunyaan keessa jiraannu bal’oodha; haa tahu malee dhawaataan xiqqaachaati dhufte. Hammamii bal’ina lafaatu xiqqaate jechuu kiyyaa miti. Waan dur nu gurra gayuuf bara dheeraa fudhatuutu amma hamma liphuu ijaatti bakkayyu gaya. Meeshaaleen qunnamtii hawaasaa: TV, raadiyoo, internet, gaazexaa, kkf dhawaataan babal’achaatiifi dagaagaa dhufuun fagoon dhihoo akka taatu godheti jira. Wannumti moggaalee addunyaa kanneen garagaraatitti tahe battalumatti daaw’iifi dhageeytii teenyaaf gaya. Addunyaan marti akka itti oolteefi itti bulte beeyna jechuudha.
Dhimma kana sababaan malee hinkaafne. Barruu tiyyaaf seenmaya haa tahu jedheetin barreeyse. Haalli moggaa addunyaa takka keessatti tahe tokko bifaafi akkaataa itti taheen moggaa biraa keessatti tahuudha mala. Hubannoo garanaan jirtu cimfachuun haalli tokko garamii ka’ee garamitti akka deemu tilmaamuufi raaguudha nama dandeeysisa.

Barruun tiyya tuni waa’ee amantiiti fuulleeffatti. Amantiin umrii uumama ilma namaati lakkaawwatti. Amantiin hariiroo Waaqaafi nama jidduu jirtu mul’ifti. Humna dandeeytiifi beekkoomsi isaa kan hornaga hinqabne, kan jireenya isaatiif jalqabaas xumuraas hinqabne, kan garayyuufi akkayyuun hanquu hinqabne kanaaf oggolan; ni waaqeeyfatan. Hariiroon bifa kanaan uumamtu tana qaamaa qalbiidhaan hoggaa itti gaman gammachuu guddoofi abdii cimtuu nama keessatti jaarti. Amantiilee walirraa addaa baay’eetu addunyaa tana keessa jira. Garii waan mul’atu tolchaa harka ofiiti waaqeeyfata. Gariihis Waaqa ijaan hin mul’anne, kan waa mara uume, kan immoo uumamoo isaa hinfakkaanne, kan waa martinuu tooyannoo isaa jala jirtuuf oggolee waaqeeyfata. Amantiin haadhaafi abbaarraa dhaalamti ykn qorannoofi xiinxallii hubannoo quubsiturraa madditi. Namni haadhaafi abbaa kiristiyaana tahanirraa dhalate tokko yeroo keessa islaamummaa fudhatee muslima tahuun ni mala. Kan islaamummaarraa gara amantii biraa dhaquus ni jira. Bu’urri cimaan asirratti hubachuu qabnu amantiin tan abbaaf taate; abbaatu murteeffata. Boorteeyyanii nama fudhachiisuun hin dandayamu; Haqanqaalanii nama obaasuunis hin malu. Amantiin tanuma qalbiin abbicha ofitti fudhatte qofa.

Seenaarraa akka hubannutti mootummoonni garagaraa amantii mootummaan gulanteeyfatte qofatti akka amanan ummata biyyaa humnaan dirqanii itti raraati turan. “fudhattu fudhatte, diddu kunoo” jedhaniiti habaleedhaan gubbaa ejjan. Haalli kuni har’aas ni jira. Gochi mootummaan Tophiyaa raaw’achaa jirtu dhimma kanaaf raga guutuudha. Amantii haaraya Lubnaanirraa fichisisuudhaan kan duraan qabdan lagadhaati kana fudhadhaa ! jetti. Diddaafi mormiin moggaa mararraa itti jabaachaa dhufnaan sheekkootii hidhaanhidhuufi miidhuu bira tartee qawweedhaan ajjeesutti tarkaanfatte. Aqiidaan shoorarkaa waliin hidhata qabdu tan Salafiyyaa jedhaniini jechuudhaan ololli sadarkaa addunyaatti tamsaasamaa jiru umrii kurnee takkaa olii lakkaawwateeti jira. Dhimmi kuni basaqeeysatti Tophiyaa keessatti oofamuu erga eegale barri marmaare.
Osoo xumura barruu tanaatti hin tarkaanfanne, “duuti ija amantiitiin akkamiin akka hubatamtu laalla:” . Duuti hulluuqqoodha. Qaawa adduunyaafi aakira jidduu jirtu jechuudha. Jiruu tanarraa taanitti tarkaanfachuuf hulluuqqoo tana keessa fullahuun dirqama. Warri Rabbitti amanu marti duuti haqa tahuu qaamaa qalbiidhaan itti amanan. Waan hin oolle waan hin hafne tahuu shakkiidhaan maleedha itti amanan.

Warra amantiitiif addunyaan jalqabaafi xumuraa miti. Isaaniif addunyaan araddaa leenjiiti; dirree qophiiti. Jiruun tuni jiruu takkittii akka hintahin qubaqaban. Jiruu tanaan booda jiruun biraa jiraachuu shakkii hinqaban. Jiruulee lameen, jechuuniis tanaafi taan adda baafannee hubachuuf tanaan addunyaa, taaniin aakiraa yoo jenneen hinhammaatu. Tuni jalqabaafi xumura qabdi. Taan immoo jalqaba malee xumura hinqabdu. Nama akka Waaqni fedhutti addunyaarra jiraateetu akiratti sadoofi gammachuu hela. Addunyaan lafa qonnaa facaafi harammi qabdu yoo taate oomishni aakira tahuudha hubanna.
Mu’iminnoonni (warri Waaqatti amanu) amantii fedhan qabaatanillee addunyaan araddaa aakiraaf itti qophaawan tahuudha beekan. Aakiraa addunyaadhaan jijjiiruu hin uggan. Kanaafuu du’aafi ajjeechaan isaan hin sodaachiftu; niis hinbir’achiiftu. Murtiifi amantii qalbii keesaatti jaaramte rasaasaan jiiysuun akka hin dandayamne Wayyaaneen baruudha qabdi.

Mootummaan amantiirraa walaba jechaa, abbaan fedhe waan fedhatti amanuuf mirga qaba jechaa seera waraqaarra malee dhihaa-barii jireenya hawaasaa keessatti hojiirra hin oolle faarfachaa ooluun dhugaa hagooguu hindandayu. Gidiraan taligaan Mallasaa garanaan Oromiyaa keessatti raaw’achaa jirtu waan gararreetti eerame malees akeeka biraa ni qabdi. Oromoota gargar qooddee walirratti akka bobbahan, muslimaafi kiristiyaana Oromoo jiddutti diinummaa habaqaalchuudhaan habaleefi rasaasaan akka walbarbaadan gochuudha. Haajaan Wayyaaneedhaa dhiiga haala kanaan yaa’u waraabbattee ittiin dhiqachuu osoo hintahin tokkummaa oromoo hanqiftee qabsoo saba kanaa laamsheessuudha. Kanaafuu hillima nuu qopheeffame kana keessa buunee hegeree saba keenyaa golgolchuurraa of eeguu qabna. Bakka jirrutti dhimma kana saaxiluufi akka fiixa hin banees gochuudhaan sabaafi qabsoo saba keenyaa dandamachiisuu qabna.

“Dr. Abdulsamad barreessaa kitaaba “Seerlugaa Afaan Oromooti”.

Advertisements

Posted in Previous Articles | 2 Comments »