Democracy: Liberty, Security, & Prosperity

Qulqullina Barnootaa Afaan Ingilizii Oromiyaa Keessaa

Posted by Jawar on August 23, 2010

Jawaar Siraaj Muhammad

Hagayya 23, 2010

Marii dhiheenya kana  godhamte takkarraa akkaan hubadhetti sadarkaan qulqullina barnoota Afaan Ingiliizii kan naannoo Oromiyaa keessatti barsiifamu daranuu hammaachaa dhufuun waan nama yaachisu tahuu isaati. Komiilee kanneen  keessaa ijoon:

  1. Sirna duraanii jalatti barnoonni waliigalaa kutaa tokkoo hanga jaheessootti Afaan Amaaratin baratamee, torbarraa hanga barnoota sadarkaa ol’aanatti ammoo Afaan Ingliziitin itti fufa. Sirna ammaa kana jalatti ammoo, kutaa duraatii haga saddeetitti Afaan Oromootin, san booda Afaan Ingliziitin itti fufa.[i] Kun ammoo,  hiree ijoolleen kutaa torbaafi saddeet itti Afaan Ingliziitin barattee beekkoomsa afaan sanii  jabeeffachuuf qabdu waan hanqiseef isaan  miidhee jira,
  2. Noonnolee birootti ammas kutaa torbaffaarraa eegalee Afaan Ingliziitin baratan. Qormaata xumura sadarkaa lammataa ammoo,  bifa tokkoon biyti guutuun waan fudhattuf,  ijoolleen Oromiyaa garanaan miidhamaa jirti.
  3. Erga barnoonni Afaan Oromootin kennamuu eegalee as ijoolleen Oromoo Afaan Amaaraa wan hin beeyneef  hiree hojii federaalaa argachuu dhabaati jirti jedhama

Warra sirna kana keessatti baratee as gahe keessaa, tokko ana; mariilee Biiroon Barnoota Oromiyaa kanaan dura sadarkaa adda addaatti qopheessite keessatti hirmaachuuf  hiree argadheetin ture.  Moyxannoon garasiin argadherraa  rakkoo amma dhalatte tanarratti xiqqo waa jechuun fedha.

1)      Dhugaadhaa beekkomsi barattoonni Oromiyaa gara Afaan Ingliziitiin qaban laafaadha. Haa tahu ammoo, sababni hangafni rakkoo tanaa baranoonni haga kutaa saddeetitti Afaan Oromootiin barsiifamuudha jedhee fudhachuun na dhiba. Sababni isaatiis warra sirna duraanitiifi kan ammaa jalattuu kutaa torbaarraa Afaan Ingliziitin eegale yoo madaalle, dandeettin Afaan Inglizii isaanii kan warra sagalii eegalee ni caala jechuuf ragaa gayaa haala kana mirkaneessu  argee hin beeku. Akkaan ofii hubadhutti  laafina ijoolleen Afaan Ingliziirratti qabduuf sababoonni muummeeyyiin:

  • Barsiisonni afaan Ingilizii barsiisan dandeetti, leenjiifi qophii gahaa dhabuu,
  • Sirni barnootaa kan duraaniitiifi kan ammaatiis guutummatti beekkoomsa afaanii, jechuuniis: dubbisuu, barreessuu, dubbachuufi hubachuu,  kan nama goonfachiisu  ta’uu dhabuu. Haalli kuni barnoota afaan Ingiliizii qofarratti osoo hintahin barnoota afaan Oromootiifi afaan Amaaraarrattiis ni mul’ata. Kuniis barnoota seerlugaarratti irkatee yaada ofii  bifa gahaadhaan ibsachuurratti  fuulleeffate tahuu dhabuurra madde. Kanaafu barataa koolleejji xumure  kan  afaan ofiitiinillee haasaya sirna qabuufi barruu ulaagaa guuttatte  fuula takkarratti dhiheessu hin dandeenyeetu omishamaa jira.

2)      Yaanni barnoonni Afaan Inglizii kutaa torbaa eegale  haa kennamu jedhu bu’aas miidhaas ni qaba. Bu’aan guddaan qabeentaa (qabiyyee) barnoota tokkoo osoo golgaa afaan alagaatiin hin hagoogamne afaan ofiitin qaceellotti hubachuu danda’uudha. Keessaafuu kutaleen torbaafi saddet sadarkaa barnoonni hahhaarayni akka ‘Biology’, ‘Chemistry’, Seenaafi  ‘Geography’ kan itti eegalaman waan ta’eef, bu’uraafi yaadrimee barnoota kanneenii durumarraa hubachuun milkii barattoonni sadarkaa itti ananatti argachuu maltuuf bu’aa guddaa akka qabu moyxannoon hanga ammaatti argamte raga baha. Gama kaanin ammoo,  ijoolleen barnoota waliigala kutaa torbarraa afaan Ingliziitiin osoo barattee afaan addunyaan ittin gargaaramtu kana daran cimsattee dorgommii diingadee biyyaafi alaa keessatti cimina qabaachuu dandeessi. Ammas wanni hubatamuu qabu, barnoonni dimshaashaa kuni kutama tokkorraahillee eegalu qulqullinni barnoota afaan Inglizii  yoo fooyya’e  malee, sadarkaan beekkoomsa afaanii ijoolleen qabaattu fooyya’u hindandayu.

3)      Qormaanni walfakkaataan biyya guututti kennamuun ijoollee sirna barnootaa garaagarummaa qabu barattee jidduutti golisa uumuu akka dandayu ifaadha. Garuu, carraan gara barnoota ol’aanaa seenuudhaa qooda (‘quota’ ) naannootin waan hiramuuf lakkoofsa ijoollee Oromiyaarraa dhaabbilee sadarkaa ol’anaa seenanii suduudaan hinmiidhu. Haa ta’uu ammoo qophaa’inni  barattoota  Oromiyaa kan warra kaawwaniitii gad yoo ta’e koollejjii erga seenan boodas  dorgommii barnootaa keessatti rakkoon waan isaan mudattuuf garaagarummaan tuni sirraawuu qabdi. Kana sirreessuun sirna barnootaa biftokkee biyya guututti diriirsuu qofa osoo hin tahin, qophii barsiiftotaa, dhiheessa meeshaalee barnootaatifi lakkoofsa barattoota daree tokkoo  naannawa hundatti walmadaalchisuu barbaachisa.

4)      Ijoolleen Afaan Oromootin baratte Afaan Amaaraa gonkumaa hin beekan kan jedhu dhugaa ta’uu isaa shakkiin qaba. Dhugaadhaa ijoolleen afaan dhalootaatiin  baratte Afaan Amaaraa  akka ijoollee Finfinneetifi naanno Amaaraatti beekuu dhabuun nimala. Garuu dandeettin Afaan Amaraa barattoonni Oromiyaa qabdu kan  naanno Tigraay, Soomaleetifi Kibbaati gadi wanti godhu waa tokkolleen hinjiru. Inumaatu gadaa  abbootii keenyaatin walbira yoo qabne, ijoolleen qubeen baratte loqonni isaan afaan Amaaraa ittiin qaaqan fooyya’aadha.  Sababni muummeen ijoolleen Oromoo hiree hojii mootummaa federaalaa keessatti itti argatan darrachuufi haphachuun afaan Amaaraa wallaaluurraa osoo hintahin imaammanno golistummaa sirnichi ilmaan Oromoorratti qaburraa maddite. Haga haalli kun jijjiiramutti carraan ilmaan Oromoo gara mootummaa federaalaa itti seenaniis dhiphachaatuma itti fufa. Afaan Oromoo afaan federaalaa gochuun dirqama. Haa tahummoo, kana gochuu qoftiin furmaata gayaa hintahu. Namni mootummaa federaalaatiif hojjetu afaan Amaaraatiis beekuu waan qabuuf barnoota afaan Amaaraa cimsuufi jajjabeessuuniis barbachisaadha.

Gadaa addunyaan ganda tokko ta’aa jirtu kanatti beekkoomsa afaan Inglizii cimsachuun hiree matayyaatiifi  kan sabaatiif murteessaa ta’uun falmii hin qabdu. Haa ta’u ammoo,  sababa ijoolleen teenya afaan kanatti itti laaffatte karaa saayinsiitiin sirritti hubachuuf qorannoo haaluma kana fuulleeffatte gochuudhaan furmaata rakkoo tanaa hunddeetti buqqisuu nama dandeessisu tokkoon as  bahuu feesisa. Ammaaf garuu sirna barnootaa amma jiru jijjiirruf ariifachuurra sirnuma jiru kana rakkoolee gara dhiheessa meshaatifi hanquu gara leenjii barsiistootaatin mul’attu fooyyeesutu irra akka.


[i] Oromiyaa keessatti kutaa tokkoo hanga saddeetii barnoonni waliigalaa (Hawaasa, Herrega, Saayinsii wkf) Afaan Oromootiin baratan. Afaan Inglizii kutaa tokkorraa kaasee kan barsiifamu yoo ta’u, Afaan Amaaraa kutaa shaniraa eegala. Kutaa Sagalitti barnoota Afaanitii ( Afaan Oromoofi kan Amaaraa) alatti kanneen hafan cufti Afaan Inglizittin barachuu eegalan. Qormaata kutaa kudhanii booda daree Afaan Oromootifi kan Amaaraa keessa took filachuun dirqama waan ta’e Afaan lamaan keessa tokkuma qofa kutaa 11fi 12tti baratan.

Jawaar  qunnamuu yoo feete kara jawarmd@gmail.com katabiif.  Barruulee isaa dubbisuuf gama www.dhummuugaa.wordpress.com dhaquudhaan arkachuu ni dandeessa.

Advertisements

6 Responses to “Qulqullina Barnootaa Afaan Ingilizii Oromiyaa Keessaa”

  1. Dajanee said

    Haya baay’ee galata argadhu Jawaar yaada bareedaa akkasii kaasuu keetiif. Akka atuu bal’inaan caqasuuf yaaltetti gaaffiin dandeettii ijoollee oromoo afaan Ingilizii irratti qaban kanuma namoonni baay’een yeroo kana irraatti quqummadaa jiraniidha.
    Ani akka carraa ta’ee biyya Oromiyaa keessatti sirna lameenuu(Mootummaa Darguu fi kan amma bulchaa jiruun) sirna barnoota isaanii arguu danda’eera;San bira darbuun ammo sirna lameenuun baradheera. Waa’ee sirna barnoota gita bittoota lameenuun kenname ykn ammo kennamaa jiruu haalaan hubadheen jira.
    Amma ijoon dubbii dandeettii afaan Ingilizii dabaluuf maal gochuu wayyina? Kan jedhuuf furmaata xiinxaluun ka dhimmi ilaallatu hundi qorannoo gadi fageenyaan gochuu akka qabu si’uma kanan ergaa kiyya dabarfadha.
    Barattoonni Oromiyaa afaan Ingiliziitiin haga danda’uu qaban maaf dadhaban? Kuni gaafii kee(Jawaar) fi gaafii hedduu keenyaati. Haata’u malee ani ammallee gaafii kanarraa adda ykn irra bal’ina qabu kaasuun fedha. Dhugaatti yoo ka haasoynu taate qulqullinni barnootaa ammaan tana Oromiyaa keessatti dhabamaa jirtu kun kan afaan Ingilizii duwwaa miti. Matumaayyuu, Afaan Oromoo dabalee kan barnoota hundaarratti calaqqisaa jiruudha. Har’aan tan ijoollen Oromoo afaan saaniin qara’aa ykn barataa jiru. Haata’uutii meeqatu haala qaceellotiin afaanuma saanii kana qubee sirreesse katabaa? yoo jenne waan daran nama ajaa’ibu. Kana waantin jechuu danda’eef tilmaaman ossoo hin taane waan na qunnamtee arge irraa ka’uudhani. Daree tokko keeysatti, sadarkaa yuniversiitiitti: keessumaayyuu ammo barattoota birkii qo’annoo Afaan Oromoo tahan keessatti akkan hubachuu danda’etti, Afaan Oromootin dogoggora qubee tokko malee kan barreeffama fuula tokkoo katabuu danda’an walakkeeysa ijoollee daree guututti argamanii (ykn 50%) gadi.
    Kanaaf ani gama kiyyaan afaan Ingiliziin kutaa torbaa irraa kaasee ossoo baratanii kan kedhu deebii gaaffii ijoo kanaaf waan ta’uu mitin jedha, ykn ammo warruma gadi fageenyaan rakkoo jirtu hubatee hin argineen yaada ka’aa jirtu natti fakkaata. Itti aansun ammo sadarkaa federaalaa keessatti hirmaannaan ilmaan oromoo haphatee jira kan jedhuufis dandeettiin afaan Amaaraa waan hin qabneefii miti. Ossoo dubbiin kana taatee federaala keessatti warra naannoo Amaaraa ykn ammo warra magaalota afaan Amaaraa bali’naan itti haasawamu irraa dhufaniin guutamee argina ture. Kuni gaaffii yeroo biroo irratti bal’inaan mar’annu ta’uu ni danda’a.

    Furmaata akka walii galaatti kaa’udhaaf, kanneen dhimmi laallatu keeysayyuu kallattiin adda duree ta’ee Biiroon Barnoota Oromiyaa, duukaa bu’ee sirreessuun irraa eegama. Kana gochuuf ammo qo’annoo gadi fageenyaa gochuu, meshaalee gargaartuu barnootaa dhiheessuu fi rabsuu, leenjii fi shaakala bal’oo barsiisotaaf kennuu, hawaasa fi beektota oromoo hunda hirmaachisuu, muuxannoo adda addaatti fayyadamuu,…kkf.

    • Solomon said

      Obbo Jawaar
      Yaada dhiyeesite dubbiseen jira. Qabxiilee babareeda kaastee jaaladheen jira. Akka barsiisaa sadarkaa Ol’anaa fi Sadarkaa 2ffaa Ol’aanaa barsiise tokkotti yaada taajabiin qabuu akka armaan gadiitti ka’un yaala.
      Garaagarummaan dandeetii Afaan Ingilizii sirna barnootaa duraaf ammaa jidduu jiru yaada jedhuuf, namoota dhuunfan beeknu irraa kaanee jenna yoo ta’e rakkisaadha. Akkuma ati jette qorannorratti hundoofnee yaanni keenyu hin jiru. Eenyuuf eenyu, maalif maal waal bira qabnee akka madaalu qabna natti hin fakkatu/ammaf hin qabnu.
      Garuu barataan kutaa sagalii sirna barnootaa duriin baratee sadarkaa sanitti maal godha? Kan sirna haaraan baratee maal gochuu danda’a? jennee muxanno jiru irraa kanee laaluun rakkisaadha hin jedhu. Yaa ta’u malee hordoffii yeroo dheeraaf qoranno akka barbaadu naaf gala. Ammaaf wanti irraa haasaa’u dandeenyu waanuma argiinee fii ta’aa jiru, baratooni maal jechaa jiru, uummanni akkamitti fudhachaa jira, barsiiftoonni maal jechaa jiru fi kanuma kan fakkatan irraatti hundoofne ta’a.
      Eegaa ani akka barsiisaa baratoota dandeetti walfakkaataa qaban jedhaamanii bakka tokkotti (In a Boarding School Setting) madaalii tokkon filanoon dhufaan , kan sirna lachanu waan barsiisef jecha , muxannoo Oromiyaa yaa ta’u baatu malee (garuu kanuma biyya sanaa) garaagaruuma guddaatu mul’ata. Roorroon ijoollee VOA irraatti dhageenye sun dhugaadha, dhagahamu qaba. Baratoonni sirna duraatin baratan onneen/hamileen barumsaaf qabaan (beekumsaa afaan Inglizii irraa kan madde jechuu kooti), kutaa sanitti dhugaan waan gochuu dandaaniif godhan; baratoota madaalli walfakkaataan filataman, garuu sirna haaraatiin baratan hammam akka soodaatan (frustrate), dhibbaa barsiisaa irratti godhan ( the pressure on teachers to help students understand the concepts in a language they have never been exposed to that degree…) giddu garagaruumman gudaadha jechuu duwwaa miti waaqaaf lafa.
      Kutaa sagalitti baratooni ingliffaan waraqaa (project) barreessan, waraqaa (project) bareessan afaan inglifaan dhiyeessu kan dandaan akka turan yadachuu qabna. Kana baratoota sirna ammaa keessa dhufan irratti yaalunis eegunis hin danda’amu. Eegaa akkuman jedhe muxanoon kiya kan Oromiyaa waan hin taneef, waanni biraa gumaacha hin qabu yaada jedhu hin qabu. Garuu madaaliin koo baratooni Oromiyaa ulaagalee sana gutaan odoo bakka tokkotti ilaaluun danda’ame buu’aan isaa adda natti hin fakkaatu.
      Ijoollen kutaa saddeet fixanni kutaa sagal seenaan eenyuma caalaa akka sirnaa haaraa kanatti rakkatan hubachuun ni danda’ama. Kutaa sagalattii gosti barnootaa hundi gadi fageenyan kan jalqabuu waan ta’eef ,sadarkaa kanatti ijoollen afaan akka haraatti baruuf rakkachuu irra kan hafee waa gudaa barachuu danda’an jechuun amman ani beekutti dhugaa miti. Sadarkaa kanatti baratoonni salphaan saayinsii qo’achuuf hubachuu akka danda’uu qaban qarqarutu faayidaa qaba ture. Rakkinni keenyaa afaan duwaa odoo hin tana gosa barnoota hundaa ta’uun isaa beekamaadha ,asitti kan jenne finnuu miti. Ta’ulle dhugaan baratooni kutaa sagalii affaan baruuf yeroo isaani hunda akka fixan , sadarkaa itti anu irrattis ta’ee qormaata waligalaa irratti akka rakkatan ni hubatama.
      Afaan Oromoottin amma dhumaatti baruun odoo danda’me gaari ture, kan nuu hundi barbaanu. Garuu haala Afaan Oromotiin saayinsii baruu hin dandeenyeraatti, yeroo Afaan Oromoo gadii fageesine hin qoratiin irra taanee , yeroo baratoonni akka salphaattii ittiin baruu hin dadeenyerratti, fayidaan Kutaa torbaaf saddeet Afaan Oromoon barachuu naaf hin galu.
      Dhawaata, walduraa dubaan sirna barumsa jabeessaa, muxannoo haaraa hammachaa ,dabalaa, baayisnee hojeechaa deemuu irraa kan hafee, sirna barnootaa ijoollef barumsa salphisaa deemu odoo hin tana, garuu hammesuu qabanne yeroo gubuu qabna natti hin fakkatu.
      Ani furmaata jedhee kanan yaadu:
      •Amma kutaa ja’atti sirna barnootaa jiru kana jabeessuu , yeroo yeroon foyyessa deemu;
      •Gosa barnoota Afaan Oromoo irraa kan hafe kaan cinaatti yadoota “ concepts” afaan oromoof afaan Ingliziin wal baraa qabanii ka’u ,basiisuu yaalu;
      •Afaan Inglizii sadarkaa 1ffaa kassee akka gosa barnoota tokkootti akka baratamu godhuu;
      •Akkaata afaan itti baramu amma dand’metti jijiruu, muxanoo biyoota biraa ille ilaalu;
      •Curriculama biyoota tokko tokko leenjii barsiisotaa keessatti dabalanii barsiistota hubachiisu;
      •Sirna barsiistoota garii hawwachuu danda’u dirsiisu;
      •Akkuma mari’atoonni VOA irratti dhageenye jedhaan, kutaa torbaaf saddet afaan ingliffaan barnoota hunda akka barataan , kutaa itti anuuf akka qophaayan gochuun barbachiisadha.
      •Afaan Oromo amma danda’ameeti yeroo dheeraa fii gadii faggeenyan haaguugii (coverage ) isaa ille dabaluun akka barumsa tokkootti (kutaa lamaan kanatti jechuu kooti) kennuutu furmaata.
      Gama afaan Amaaratiin dhugaan taanan sodaan sadarkaa feederaalati hojjechuuf rakkoo ta’uun isaa ammaf sadarkaa sanatti hojechaa kan jiran namootuma duraanii waan ta’aniif rakkinni isaa amma kana hin mul’atu ta’a. Fulduratti rakkoo ta’un isaa dhugaadha. Eegaa Afaan Amaaraa akka gosa barnoota tokkootti barsiisuun ala wanni godhamu jira natti hin fakkaatu. Amman ani beekutti haalli amma jiru kanuma.
      Dhuma irratti gama keenyan dhunfaanis ta’ee gurmuun guddina barnootaa irratti hirmaannaa gudaa gochuun, baratoota giduutti dorgoomii akkami uumuu akka dandeenyu irratti yaada kaasuu akka jalqabuu waal haa jajabeesinu. Kaanaaf akkuma nutti toluu danda’u hundaan mari’achuun barbachisaadha.

      Jawaar yaadaa gaarii kaastee galatoomi.

  2. Jawar said

    Dajaneefi Solomon,
    Isin lachuu yaada kennattaniif ulfaadha. Anis barru gabaabduu tana huggaan guduufu kaayoon tiyya marii akkanaa tana akka goonufi.

    Akkuma isin lameenuu jettan rakkoon qulqullinaa barnootaa amma jiru kan Afaan Ingilizii qofaa miti. Rakoo waliigalaatitu jira.

    1) Warreen barsiisummaadhaaf qaadhimaman gahuumsa gahaa dhabuu
    2) Leenjiin gahaa qaadhimamtoota saniif osoo hin laatamani gara barsiisummaatti bobbaafamuu
    3) Lakkoofsi joollee mana barnootaa galtuu haalaan dabalaati jira. Kun ammoo reeshoon barsiisaafi barataa haalaan akka guddatui godhe
    4) Hanqina kitaabbilee

    kun hundi walitti dabalamee qulqullina barnootaa hedduu miidha.

    Xiyyeeffannaan guddaan haala kana fooyyessuu irratti ta’uu qaba.

  3. Abdi said

    Obbo Jawaar
    Duraan dursee yaada amma kaasteef qofa osoo hinta’iin yaaddan yeroo addaa addaatti kaastuuf hedduun sigalateeffachuun barbaada.
    Waa’ee dandeettii Afaan Inglizii barattoota Naannoo Oromiyaa kaasteefi rakkoon kun jiraachuu isaa eenyuyyuu amanee kan fudhatu dha. Kanaaf garuu akkuma ati jette hanga kutaa sadetiitti Afaan Oromoon barachuun sababa waan ta’u natty hinfakkaatu. Qorannaan adeemsifaman tokko tokko akka agarsiisanitti barattoota naannoo biraa waliin walbira yeroo qabamanii ilaalaman qabxiin ijoolleen naannoo Oromiyaa kutaa 8ffaatti galmeessisan nanoo biro irraa fooy’aa ta’uu isaa niagarsiisu (raga isaa siif erguuf nan yaala).

    Barattootni naannoo Oromiyaa dandeettiin afaan Inglizii isaanii gadi aanaa ta’uuf garuu sababoota hedduutu jira. Sababootni gurguddoon atuu kaastee jirta. Ini jalqabaa fi murteessaa kan ta’u garuu gaaffii eenyutu eenyuun barsiisaa jira? Kan jedhudha. Kan jechuun koo dandeettiin barsiisota Afaan Inglizii barsiisanii fi barnoota biros barsiisan hagamii? Baay’ee kan nama gaddisiisuu fi abdii akka kutattu kan sigodhe dha.
    Ani garuu akka nama dhuunfaa tokkotti yaadni barnootni naannoo Oromiyaa kutaa torba irraa eegalee Afaan Ingiliziitiin hakkennamu kan jedhu nan amansiisu. Afaan Oromoon barachuun isaanii qabiyyee barnoota qaaccessanii akka baran isaan taasise malee waan miidhaa geessise qaba jedhee hin amanu. Rakkoon jiru Afaan Inglizii kutaa tokkoo jalqabamee kennamaa jiru eenyutu barsiisaa jiraa? kan jedhu dha. Afaan Inglizii qofa osoo hin ta’iin namni Afaan oromoo barsiisu ofii isaatii maqaa isaa sadarkaa hin bareessinerra jira. Kanaaf xiyyeeffannaan kennamu qabu sadarkaa barnootni Afaan Oromoo itti barsiisamu gadi xiqqeessuu osoo hin ta’iin leenjii barsiisotaaf kennamu iratti xiyyeeffachuu dha.

  4. Baanqursa said

    Jawaar akkam jirta?

    Haala qabatamaa jabina fi laafina guddinna barnootaa laalchisee xiinxalaa fi yaadni kee gaarii ta’ee,

    yaada wal-faallessu tokko dheeruun kee dubbistootni akkaataa garagaraatti akka hubatamu taasisera. Afaan Oromoo afaan Federaala ta’uun dirqama yoo ta’e, afaan kana akka amma jedhamutti naannoolee Oromiyaa ala ta’anitti akka barsiifamu maaf waa jechuu hanqatte?? Afaan amaarsaa Oromiyaa keesatti akka jajjabeefamu caqastee afaan guddaan federaalaaf dirqiidha jette ammoo guutuu biyyaa dhiisii Oromiyaa keessattuu hagam akka balleeffamaa jiru caalatti qaamaan kessa ture argiteerta.

    Akka bareesaan qorataa haala afaan Oromo lafa kaaye tokotti afaan worra ‘asimilados’ afaan amma ija banataa jiru irratti haa jajjabaatuu jechuun nama quuqa.
    Yaadni aduynaan ganda takka taate jedhu kuni ammoo kan dalagu yoo waan ofii jabeeffatan malee osoo ofi hin taane adunyaa ta’uun fafti isaa akkamitti nama keennaaf bitaa akka ta’e na dhiba.

    Baanqursa

  5. geda said

    Akka bareesaan qorataa haala afaan Oromo lafa kaaye tokotti afaan worra ‘asimilados’ afaan amma ija banataa jiru irratti haa jajjabaatuu jechuun nama quuqa.
    Yaadni aduynaan ganda takka taate jedhu kuni ammoo kan dalagu yoo waan ofii jabeeffatan malee osoo ofi hin taane adunyaa ta’uun fafti isaa akkamitti nama keennaaf bitaa akka ta’e na dhiba.

    Baanqursa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

 
%d bloggers like this: