Democracy: Liberty, Security, & Prosperity

Archive for August, 2010

Qulqullina Barnootaa Afaan Ingilizii Oromiyaa Keessaa

Posted by Jawar on August 23, 2010

Jawaar Siraaj Muhammad

Hagayya 23, 2010

Marii dhiheenya kana  godhamte takkarraa akkaan hubadhetti sadarkaan qulqullina barnoota Afaan Ingiliizii kan naannoo Oromiyaa keessatti barsiifamu daranuu hammaachaa dhufuun waan nama yaachisu tahuu isaati. Komiilee kanneen  keessaa ijoon:

  1. Sirna duraanii jalatti barnoonni waliigalaa kutaa tokkoo hanga jaheessootti Afaan Amaaratin baratamee, torbarraa hanga barnoota sadarkaa ol’aanatti ammoo Afaan Ingliziitin itti fufa. Sirna ammaa kana jalatti ammoo, kutaa duraatii haga saddeetitti Afaan Oromootin, san booda Afaan Ingliziitin itti fufa.[i] Kun ammoo,  hiree ijoolleen kutaa torbaafi saddeet itti Afaan Ingliziitin barattee beekkoomsa afaan sanii  jabeeffachuuf qabdu waan hanqiseef isaan  miidhee jira,
  2. Noonnolee birootti ammas kutaa torbaffaarraa eegalee Afaan Ingliziitin baratan. Qormaata xumura sadarkaa lammataa ammoo,  bifa tokkoon biyti guutuun waan fudhattuf,  ijoolleen Oromiyaa garanaan miidhamaa jirti.
  3. Erga barnoonni Afaan Oromootin kennamuu eegalee as ijoolleen Oromoo Afaan Amaaraa wan hin beeyneef  hiree hojii federaalaa argachuu dhabaati jirti jedhama

Warra sirna kana keessatti baratee as gahe keessaa, tokko ana; mariilee Biiroon Barnoota Oromiyaa kanaan dura sadarkaa adda addaatti qopheessite keessatti hirmaachuuf  hiree argadheetin ture.  Moyxannoon garasiin argadherraa  rakkoo amma dhalatte tanarratti xiqqo waa jechuun fedha.

1)      Dhugaadhaa beekkomsi barattoonni Oromiyaa gara Afaan Ingliziitiin qaban laafaadha. Haa tahu ammoo, sababni hangafni rakkoo tanaa baranoonni haga kutaa saddeetitti Afaan Oromootiin barsiifamuudha jedhee fudhachuun na dhiba. Sababni isaatiis warra sirna duraanitiifi kan ammaa jalattuu kutaa torbaarraa Afaan Ingliziitin eegale yoo madaalle, dandeettin Afaan Inglizii isaanii kan warra sagalii eegalee ni caala jechuuf ragaa gayaa haala kana mirkaneessu  argee hin beeku. Akkaan ofii hubadhutti  laafina ijoolleen Afaan Ingliziirratti qabduuf sababoonni muummeeyyiin:

  • Barsiisonni afaan Ingilizii barsiisan dandeetti, leenjiifi qophii gahaa dhabuu,
  • Sirni barnootaa kan duraaniitiifi kan ammaatiis guutummatti beekkoomsa afaanii, jechuuniis: dubbisuu, barreessuu, dubbachuufi hubachuu,  kan nama goonfachiisu  ta’uu dhabuu. Haalli kuni barnoota afaan Ingiliizii qofarratti osoo hintahin barnoota afaan Oromootiifi afaan Amaaraarrattiis ni mul’ata. Kuniis barnoota seerlugaarratti irkatee yaada ofii  bifa gahaadhaan ibsachuurratti  fuulleeffate tahuu dhabuurra madde. Kanaafu barataa koolleejji xumure  kan  afaan ofiitiinillee haasaya sirna qabuufi barruu ulaagaa guuttatte  fuula takkarratti dhiheessu hin dandeenyeetu omishamaa jira.

2)      Yaanni barnoonni Afaan Inglizii kutaa torbaa eegale  haa kennamu jedhu bu’aas miidhaas ni qaba. Bu’aan guddaan qabeentaa (qabiyyee) barnoota tokkoo osoo golgaa afaan alagaatiin hin hagoogamne afaan ofiitin qaceellotti hubachuu danda’uudha. Keessaafuu kutaleen torbaafi saddet sadarkaa barnoonni hahhaarayni akka ‘Biology’, ‘Chemistry’, Seenaafi  ‘Geography’ kan itti eegalaman waan ta’eef, bu’uraafi yaadrimee barnoota kanneenii durumarraa hubachuun milkii barattoonni sadarkaa itti ananatti argachuu maltuuf bu’aa guddaa akka qabu moyxannoon hanga ammaatti argamte raga baha. Gama kaanin ammoo,  ijoolleen barnoota waliigala kutaa torbarraa afaan Ingliziitiin osoo barattee afaan addunyaan ittin gargaaramtu kana daran cimsattee dorgommii diingadee biyyaafi alaa keessatti cimina qabaachuu dandeessi. Ammas wanni hubatamuu qabu, barnoonni dimshaashaa kuni kutama tokkorraahillee eegalu qulqullinni barnoota afaan Inglizii  yoo fooyya’e  malee, sadarkaan beekkoomsa afaanii ijoolleen qabaattu fooyya’u hindandayu.

3)      Qormaanni walfakkaataan biyya guututti kennamuun ijoollee sirna barnootaa garaagarummaa qabu barattee jidduutti golisa uumuu akka dandayu ifaadha. Garuu, carraan gara barnoota ol’aanaa seenuudhaa qooda (‘quota’ ) naannootin waan hiramuuf lakkoofsa ijoollee Oromiyaarraa dhaabbilee sadarkaa ol’anaa seenanii suduudaan hinmiidhu. Haa ta’uu ammoo qophaa’inni  barattoota  Oromiyaa kan warra kaawwaniitii gad yoo ta’e koollejjii erga seenan boodas  dorgommii barnootaa keessatti rakkoon waan isaan mudattuuf garaagarummaan tuni sirraawuu qabdi. Kana sirreessuun sirna barnootaa biftokkee biyya guututti diriirsuu qofa osoo hin tahin, qophii barsiiftotaa, dhiheessa meeshaalee barnootaatifi lakkoofsa barattoota daree tokkoo  naannawa hundatti walmadaalchisuu barbaachisa.

4)      Ijoolleen Afaan Oromootin baratte Afaan Amaaraa gonkumaa hin beekan kan jedhu dhugaa ta’uu isaa shakkiin qaba. Dhugaadhaa ijoolleen afaan dhalootaatiin  baratte Afaan Amaaraa  akka ijoollee Finfinneetifi naanno Amaaraatti beekuu dhabuun nimala. Garuu dandeettin Afaan Amaraa barattoonni Oromiyaa qabdu kan  naanno Tigraay, Soomaleetifi Kibbaati gadi wanti godhu waa tokkolleen hinjiru. Inumaatu gadaa  abbootii keenyaatin walbira yoo qabne, ijoolleen qubeen baratte loqonni isaan afaan Amaaraa ittiin qaaqan fooyya’aadha.  Sababni muummeen ijoolleen Oromoo hiree hojii mootummaa federaalaa keessatti itti argatan darrachuufi haphachuun afaan Amaaraa wallaaluurraa osoo hintahin imaammanno golistummaa sirnichi ilmaan Oromoorratti qaburraa maddite. Haga haalli kun jijjiiramutti carraan ilmaan Oromoo gara mootummaa federaalaa itti seenaniis dhiphachaatuma itti fufa. Afaan Oromoo afaan federaalaa gochuun dirqama. Haa tahummoo, kana gochuu qoftiin furmaata gayaa hintahu. Namni mootummaa federaalaatiif hojjetu afaan Amaaraatiis beekuu waan qabuuf barnoota afaan Amaaraa cimsuufi jajjabeessuuniis barbachisaadha.

Gadaa addunyaan ganda tokko ta’aa jirtu kanatti beekkoomsa afaan Inglizii cimsachuun hiree matayyaatiifi  kan sabaatiif murteessaa ta’uun falmii hin qabdu. Haa ta’u ammoo,  sababa ijoolleen teenya afaan kanatti itti laaffatte karaa saayinsiitiin sirritti hubachuuf qorannoo haaluma kana fuulleeffatte gochuudhaan furmaata rakkoo tanaa hunddeetti buqqisuu nama dandeessisu tokkoon as  bahuu feesisa. Ammaaf garuu sirna barnootaa amma jiru jijjiirruf ariifachuurra sirnuma jiru kana rakkoolee gara dhiheessa meshaatifi hanquu gara leenjii barsiistootaatin mul’attu fooyyeesutu irra akka.


[i] Oromiyaa keessatti kutaa tokkoo hanga saddeetii barnoonni waliigalaa (Hawaasa, Herrega, Saayinsii wkf) Afaan Oromootiin baratan. Afaan Inglizii kutaa tokkorraa kaasee kan barsiifamu yoo ta’u, Afaan Amaaraa kutaa shaniraa eegala. Kutaa Sagalitti barnoota Afaanitii ( Afaan Oromoofi kan Amaaraa) alatti kanneen hafan cufti Afaan Inglizittin barachuu eegalan. Qormaata kutaa kudhanii booda daree Afaan Oromootifi kan Amaaraa keessa took filachuun dirqama waan ta’e Afaan lamaan keessa tokkuma qofa kutaa 11fi 12tti baratan.

Jawaar  qunnamuu yoo feete kara jawarmd@gmail.com katabiif.  Barruulee isaa dubbisuuf gama www.dhummuugaa.wordpress.com dhaquudhaan arkachuu ni dandeessa.

Advertisements

Posted in Previous Articles | 6 Comments »